Ergaa Prezidaantii Mana Murtichaa
Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii
Obbo Jiidhoo Bacharee Pirezdaantii Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii
Ibsa Gabaabaa Mana Murtichaa
Manni Murtii Kutaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii otoo caasaa mataa isaatiin of danda’ee hin hundeeffamin dura yeroo dheeraadhaaf Mana Murtii Aanaa Barrak jalatti Dhaddacha Dhaabbii ta’ee tajaajila abbaa seerummaa kennaa kan ture yoo ta’u, Adoolessa bara 2009 kaasee garuu of danda’ee bajanni ramadameefii Kenna Tajaajila Abbaa Seerummaa kennuuf ifaan hojii eegale.
Manni Murtichaa of danda’ee erga hundeeffamee kaase ergama seeraan isaaf kenname qixa sirriidhaan bahachuuf carraaqqii fi tattaaffii hedduu taasisaa kan ture yoo ta’u, ammas hojii kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa qulqulluu, si’ataa fi dhaqqabamaa ta’e bilisummaa guutuudhaan hojjechuudhaan tajaajila kennuun ummata garaa gahuuf sochii bal’aa taasisaa jira. sadarkaa kanaanis Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa kennaa jiruun yeroo yerootti fooyya’insa gaarii agarsiisaa kan jiru ta’uu ragaalee garagaraa irraa mirkaneeffachuun danda’ameera.
Akka Mana Murtii keenyatti bu’uuruma labsii Gurmaa’ina, Aangoo fi Hojii Manneen Murtii Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra Deebiin Murteessuuf Bahe, Labsii lakk.216/2011 tiin tajaajila akkaataa amalaa fi wal fakkeenya isaaniitiin saffisa barbaadamuun keessummeessuun akka danda’amutti Dhaddachoonni sadi kan jiran yoo ta’u isaanis; 1ffaa Dhaddacha Hariiroo Hawaasaa, 2ffaa Dhaddacha Yakkaa fi 3ffaa Dhaddacha Maatii fi Daa’immaniitiin gurmeessuun humna namaa jirus akkaataa bu’a-qabeessummaa isaatiin ramaduun tajaajilli si’ataan kennamaa kan jiruudha. Caasaaleen hojii dhaddachaa deeggaruuf bu’uura caaseffama Mana Murtii Aaanaatiif barbaachisa jechuudhaan Mana Murtii Waliigala Oromiyaatiin kaa’ameetiin Garee Bittaa, Bulchiinsaa faayinaansii fi Qabeenyaa; Gareen Hooggansa hojii qabeenya Namaa; Gareen Karoora, Baajata, Hordoffii fi gamaggamaa, Gareen tajaajila qulqullinaa fi eegumsaa, akkasumas gareen Tajaajila Quunnamtii Odeeffannoo(TQO) caasaadhaan gurmaa’uun kenninsa tajaajila abbaa seerummaa Mana Murtichaa bu’a qabeessa taasisuuf tumsa barbaachisu taasisaa kan jiran yoo ta’u iddoo hanqina humna namaa qabnutti ramaddii fi bakka bu’iinsa kennuun tajaajilli Mana Murtichaan kennamu si’ataa akka ta’uuf hojjetamaa tureera.
Manni Murtii keenya yeroo caaseffamni godinaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee jedhamee waamamaa turetti Maqaa Mana Murtii Aanaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii jedhuun waamamaa tajaajila kennaa kan ture yoo ta’u, bu’uura dambii Bulchiinsa Magaalaa Shaggar hundeessuuf bahe Lakk. 233/215 Kewwata 10(3) tiin immoo Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii ta’ee irra deebiin caaseffamuun bara 2015 irraa eegalee Tajaajila Abbaa Seerummaa si’ataa, shaqqabamaa fi qulqullina qabu kennuu fi sirna haqaa cimsuun ijaarsa sirna dimokraasii keessatti gahee isarraa eegamu bahuuf Karoora Tarsiimoo waggoota kudhanii Sirna Karoora Bu’aa irratti xiyyeeffateen qopheeffatee kana milkeessuuf kutannoo ol’aanaa hojjechaa jira
Waa’ee Mana Murtii Aanichaa
Ergaa Pirezidaantii
Manni Murtii keenya, Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii guyyaa hundeeffama isaarraa kaasee bu’aa ba’ii hedduu keessa darbuun kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa si’ataa, dhaqqabamaa fi qulqulluu ta’e hawaasa bal’aaf kennaa kan ture yoo ta’u; yeroo ammaa kanammoo Kenna Tajaajila Abbaa Seerummaa teeknolojiin deeggarame caalmaatti dhaqqabamaa fi si’ataa ta’ee kennuurratti argama.
Akkuma Manneeen Murtii Oromiyaa biroo bara 2022 tti Mana Murtii waraqa Maleessa/paper-less court/ taasisuuf karoorfatee carraaqqii bal’aarra kan ture yoo ta’u; Manni Murtii Magaalaa Shaggar bara 2018 keessa guutummaatti moosaajii dhimmoota haaraa Shaggar e-court Misoomsuun tajaajila Abbaa Seerummaa waggaa shan booda (2022) Waraqa maleessa taasisuuf silaa karoorfamee ture barri karoorfame osoo hin gahin bifa hawwataa ta’een milkeessuu danda’eera.
Kanaanis gammachuu guddaan kan natti dhagahame yoo ta’u; Manni Murtii Kutaa Magaalaa keenyaas moosajii haaraa misoomee jiru kanaan bifa tuttuuqqaa waraqaa irraa bilisa ta’een Tajaajila Abbaa Seerummaa kennuurratti kan argamu yoo ta’u; kanaaniis baasii fi yeroo abbootii dhimmaa bifa qusatuun moosajii misoomee kanaan Tajaajila Abbaa Seerummaa kennaa jira.
Qaamolee waan kana milkeessuu keessatti qooda fudhatan hunda galateeffachaa, abbootiin dhimmaa Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Keenyatti tajaajila Abbaa Seerummaa barbaadan kamiiyyuu manuma isaanii taa’anii yookin hojii isaanii hojjechaa osoo qaamaan Mana Murtii dhufuun hin barbaachisin link https://ecourt.shaggarcity.et/login kana cuqaasuun iddoo ‘Mana Murtii’ jedhutti Mana Murtii Aanaa Kutaa Magalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii jedhu filachuudhaan himannas ta’ee deebii ergachuu kan dandeessan ta’uu, akkasumas tajaajila Mana Murtichaarraa barbaaddan argachuu kan dandeessan ta’uu isiniif dhaamuun barbaada.
Hawaasni Mana Murtii kutaa Magaalaa keenyaas ciminaa fi kutannoodhaan akkasumas harkaa fi sammuu qulqulluudhaan abbootii dhimmaa Mana Murtii keenyaarraa tajaajila barbaadan hundaaf of kenninee ciminaan akka hojjennu, kenna Tajaajila Abbaa Seerummaa qulqulluu, si’ataa fi dhaqqabamaa ta’e bilisummaa dhaabbattummaa Mana Murtii fi bilisummaa dhuunfaa Abbaa Seeraa kabajnee kabachiisuudhaan tajaajila kenninee ummata keenya garaa gahuuf yoomiyyuu caalaa cimnee hojjechuun kan nurraa eegamu ta’uun dhaama!
Horaa bulaa
Jiidhoo Bacharee- Pirezdaantii MMA/K/M Laga Xaafoo Laga Daadhii