Ergaa Prezidaantii Mana Murtichaa
Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Sabbataa
Obbo Shamaamee Taaddasaa Xiiqii
Akka biyyaattis ta’ee akka naannoo keenyaatti Heera Mootummaa Federaalaa fi Naaannoo tiin Manni murtii bilisa ta’e hundaa’uun isaa ni beekama. Bu’uuruma kanaan Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Sabbataa erga hundaa’ee kaasee kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa si’aayaa fi dhaqqabamaa ta’e karaa qulqullina isaa eeggateen kennuuf carraaqqiin gara garaa taasisaa tureera.
Riifoormiiwwan gara garaa hojii irra oolchuudhaan fooyya’insi hunda galeessa ta’e dhufees jira.Waggoota dheeraa dura komii guddaa kan ture dhimma si’aayinaa ti. Har’a galmeewwan hedduun daangaa yeroo JBAH keesatti murtii argachaa waan jiraanif komiin akkasii hin jiru. Rakkoon ture kan biroon dhimma dhaqqabamummaati. Hawaasni keenya asiif achitti baasii hammaataa geejiba, nyaataa fi ciisichaaf baasaa ture hir’isuuf teeknooloojiiwwan quunnamtii odeeffannoo gara garaa keessayyuu yeroo dhiyoo as E-fillingii fi dhagaaha haalalaa (video Conference) hojii irra oolchuun, baasii fi xaarii Abbootti dhimmaa hiri’suun milkaayinni guddaan argamaa jira.
Rakkoon inni biroo rakkoo qulqullina kenniinsa tajaajila Abbaa Seeraa tin wal-qabatuudha. Rakkoo kana furuuf, qaamoolee keessaa waliin dhimmoota fi seeroota falmisiisoo irratti marii gaggeessuu gara eejjennoo walfakkataatti fiduu, kanneen alaa waliin marii gaggeessuun qindoomimna cimsuun, tarsimoo hiri’isa ragaa sobaa hojiirraa oolchuu, Odiitii Galmee Murtiin Boodaa, Xiinxala sababa dhimmoota Ol’iyyannoon deemanii Murtiin diigamee fi fooyya’ee fi kunneen boroos hojii irra oolaniiru. Kanas ta’ee garuu rakkoo kana keessaa guutumaan guutuutti waan hin baaneef bal’inaan irratti hojjachuu kan gaafatu ta’ee argameera.
Gama birootiin amantaa uummataa sadarkaa barbaadamuun horachuu kan dandeenyu naamusa amalli hojii abbaa seerummaa barbaadu gonfannee yoo argamne qofa. Kana irraa ka’uudhaan hubannoo hawaasa mana murtii gabbisuuf hojiin hubannaa uumuu bal’aan hojjatamaa turee jira. Bakka hanqinni naamusaa muudatettis hojiin itti gaafatamummaa mirkaneessuu bal’aan hojjatamaa jira. Kanaan cinattis hojiin sadarkaa naamusa hawaasa Mana Murtii adda baafachuu hojjatamaa kan ture yammuu ta’u, bakka hanqinni jiru ifatti adda baafachuun irratti hojjachuuf haalli mijataan uumamaa tureera. fuula duraatis ciminaan kan itti hojjeetamu ta’a.
Walumaa galatti har’a irra dhaabbannee yammuu ilaallu taajajjilli Mana Murtii keenyaa bakka kaleessa jirru irraa fagoo deemee jira. Mul’ata qabanne gaafa ilaallu ammas waantonni hafan heddutu jiru. keessahuu gama qulqullinaa tin, kana ka’umsa godhachuudhaan kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa seeraa fi seera bu’uura godhate kennuun amantaa uummataa horachuun Mana Murtii fakkeenya ta’ee kallattii hundaan cimee wabii uummataa ta’e ijaaruudhaf hawwasin Mana Murtii keenyaa hundi gahee keenya qixa nurraa barbaadamuun imaanaa nutti kenname haa baanu jechuun barbaada.
Waa’ee Mana Murtii Aanichaa
Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa sabbataa dura hundeeffama Mana Murtii Ol’aanaa Godina Addaa Naannaawwan Finfinnee tin booda yeroo jalqabaaf bara 2009 Abbooti seeraa fi hojeetoota muraasan Mana Hojii gamoo nama dhunfaa hojii Abbaa Seerummaa tif mijaataa hin tane kireeffachuun, Mana Murtii Aanaa Magaalaa Sabbataa jedhamee hundeeffamee hojii tajaajila Abbaa Seerummaa bara 2009-2015tti kennuu kan eegale yemmuu tahuu, Booda Dambii Hundeeffama Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Lakk. 233/2015 hordofuun Mana Murtii Ol’aanaa Magaalaa Shaggaritti jalatti Adooleessaa 01 bara 2015 irraa kaasee Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa sabbataa jedhamee irraa deebiin hundaa’ee, hojii kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa kennaa jira.
Dandeettin raawwachisummaa isaatis gama hundaan yeroo yerootti dabalaa dhufeera. Keessumattuu bara 2016 irraa eegalee Gamoo Haaraa Abbaa Darbii Afurii (G+4) Mataa isaa baajataa Mootummaa Qarshii Mil.100 ol ta’een ijaaratee, humna namaa hojiif barbaachiisuu guutachuun yeroo amma kana tajaajilli kenniinsaa Abbaa Seerummaa qixa sirrii ta’een kennamaa jira.
Sagantaa kenniinsa tajaajilaa Abbaa Seerummaa fooyyeessaan fi daran si’oomsuun dhaqqabamaa taasisuun qulqullina kenniinsaa tajaajilaa Abbaa seerummaa fooyyeessan teeknooloojiiwwan gara garaa kanneen akka :- Daataa beezii (CCMS), Sirna dabaree Abbooto dhimmaa (QMS), E-Filing, falmii haalalaa (VK) Mana Murtii Ol’anaa fi Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa, Argii tuqii Touch Scean, Meshinaa warabii sagalee, galmee gara soft copy ti jijjiruuf (Scan), ragaa iddoo tokkootti fe’uu (DMS), tajaajila Mana Murtii gara waraqaa maleessa (E-Court)tti jijjiruuf Moosajjii haaraa fi kkf hojjiraa olchaa jira.
Walumaa galaatti Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Sabbaataa hundeeffama irraa kaasee kallaattii hundaan yeroodha gara yerootti jijjirama keessa kan jiruudha.