Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaggar
Shaggar City High Court
የሸገር ከተማ ፍርድቤት
📞 Call: 8794
...

Itti fayyadama Moosaajii Shaggar E-court irratti Abukaattotaaf hubannoon kenname

Itti fayyadama Moosaajii Shaggar E-court irratti Abukaattotaaf hubannoon kenname.
==//==
Kora Waldaa Abukaattota Oromiyaa Damee Magaalaa Shaggartiin qophaa'e irratti itti fayyadama Moosaajii Shaggar E-court irratti Abukaattotaaf hubannoon kennamee jira.
Waltajjicha irratti haasaa kan taasisan Pirezidaantiin Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar Obbo Kumalaa Buusaa akka jedhanitti Abukaattonni dhuunfaa haqa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa kan qaban ta'uu kaasuun, Manneen Murtii Magaalaa Shaggar moosaajii Shaggar E-court jedhamu misoomsuun tajaajila Abbaa Seerummaa waraqaa maleessa taasisuun itti hojjetamaa jiru Si'oominaa fi dhaqqabamummaa akkasumas Qulqullina tajaajila abbaa seerummaa dabaluun baasii xiqqaa fi dhamaatii malee abbaan dhimmaa bakkuma jiru taa'ee tajaajila akka argatu taasisee waan jiruuf itti fayyadama isaa ilaalchisee hubannoo gabbisuu fi harcaatiiwwam jiran irrattis hojjechuuf ta'uu ibsanii jiru.
Barreeffama hubannoo cimsu kan dhiyeessan Daayirektara Daayirektoreetii Hojii Dijitaalizeeshinii fi Misooma TQO Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar Obbo Getaachoo Balaachoo yoo ta'u itti fayyadama Moosaajii Shaggar E-court irratti harcaatiiwwan gama Abukaattotaatiin jiruu fi moosaajicha irratti wantoota haaraa dabalaman irratti hubannoo kennanii, abukaattoos ta'ee abbaan dhimmaa biroo odeeffannoo fi deeggarsa yeroo barbaadanitti guddugala bilbilaa #8794 irratti bilbiluun odeeffannoo galmee fi kenna tajaajila abbaa seerummaa Manneen Murtii Magaalaa Shaggar hunda argachuu kan danda'an ta'uu akkasumas marsariitii (website) Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar fayyadamuun odeeffannoo dabalataa argachuu akkasumas komiin yoo jiraates karaa sirna diriiree jiruun akka ilaallamu dhiyeeffachuu akka danda'an ibsanii jiru.
Itti gaafatamaan Mana hojii Abbaa Alangaa Magaalaa Shaggar Obbo Yohaannis Abdataa haasaa taasisaniin haqa mirkaneessuu keessatti qindoominni qaamolee haqaa akkuma jirutti ta'ee, gaheen Abukaattotni qaban olaanaa ta'uu kan ibsan yoo ta'u, Kenna tajaajila Seeraa bilisaa irrattis hubannoon kennamee jira.
Waltajjichi Magaalaa Finfinnee, Galma Giddugala Aadaa Oromoo tti Waldaa Abukaattota Oromiyaa Damee Magaalaa Shaggariin kan qophaa'edha.
Sadaasa 27/2018
Kominikeeshinii Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaggar.
Odeeffannoo dabalaataaf marsariitii keenyaa :- https://ecourt.shaggarcity.et/
Bilbilaa gabaabaa :- 8794.

...

Leenjiin Qulqullina Kenninsa Tajaajila Abbaa Seerummaa fooyyessuu irratti fuulleffate Abbootii Seeraa Manneen Murtii Magaalaa Shaggariif kennamuu eegale.

Leenjiin kun guyyaa lamaaf kan kennamu yoo ta'u guyyaa jalqabaatiin Qajeelfama Adabbii Lak.3/2017 bahe irratti Leenjisaa fi Daariktera Daariktoreetii Leenjii ILQSO kan ta'an Obbo Milkii Makuriyaa tiin kennamaa jira.
Waltajjicha haasaa baninsaa fi baga nagaan dhuftanii kan taasisan Pirezidaantii Mana Murtii Olaanaaagaalaa Shaggar Obbo Kumalaa Buusaa akka jedhanitti, Kenninsa Tajaajila Abbaa Seerummaa akka Manneen Murtii Magaalaa Shaggaritti jiru qulqulluu fi wal fakkeenyummaa akka qabaatuuf dandeettii fi hubannoo Abbootii Seeraa akkasumas kan Abukaattota Ittisaa cimsuuf yaadamee kan qophaa'edha jedhan.
Waltajjicha irratti Abbootiin Seeraa Manneen Murtii Magaalaa Shaggar Sadarkaa lamaanuu jiranii fi Abukaattonni Ittisaa kan hirmaatan yoo ta'u, guyyaa boruus mata duree biraa irratti kan itti fufee kennamu ta'a.
Sadaasa 05/2018
Mana Abbichuu

...

Koreen Bulchiinsaa Mana Murtii Olaanaa Godina Shawaa Lixaa Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar irraa Muuxannoo qooddate.

I/A/Pirezidaantii Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar Kab/Aadde Najaat Mahaammed, keessummoota muuxannoo qooddachuuf dhufan baga nagaan dhuftan jechuudhaan, haasaa taasisaniin Manni murtii qaamolee motummaa keesaa tokko waan ta'eef Manneen murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar bilisummaa Mana Murtii fi Abbaa Seerummaa haala kabachiiseen, qaamolee mootummaa fi miti mootummaa biraa waliin qindoominaan hojjechuudhaan, baajata idileedhaan ramadameef cinaatti deeggarsa qaamolee garagaraa irraa argameen meeshaalee hojiif barbaachisan guuttachaa naannoo hojii mijataa taasisaa jira jedhan.
Itti dabaluunis manni murtii magaalaa Shaggar moosaajii Shager E_court system jedhamu misoomsee tajaajila abbaa seerummaa gara waraqaa maleessaatti ceesisaa kan jiru qaamolee gara garaa waliin qindoominaan waan hojjetameefi jechuun, fuulduraafis hojiileen hedduun karoorfamanii jiru jedhan.
Jilli koree Bulchiinsaa Mana Murtii olaanaa godina Shawaa Lixaa obbo Dabalaa Didhaatiin durfamuun mana murtii olaanaa Magaalaa Shaggaritti argamuun muuxannoo qooddatanis muuxannoo argatanitti gammaduu fi muuxannoo argatan kana godina isaaniittillee hojiirra oolchuuf kan hojjetan ta'uu ibsuudhaan, simannaa isaaniif taasifameef galateeffatanii jiru.
Kominikeeshinii M/M/Olaanaa Magaalaa Shaggar.
Fulbaana 30/2018

...

Waltajjii marii Karooraa fi Sirna walharkaa fuudhiinsa karoora hojii Manneen Murtii Magaalaa Shaggar kan bara 2018

Manneen Murtii Magaalaa Shaggaritti, Karoora Raawwii Hojii Bara 2018 irratti marii bal'aa taasisuun sirni mallattoo fi wal harkaa fuudhinsa Karooraa taasifamee jira.
Waltajicha irratti Karoorri Manneen Murtii Magaalaa Shaggar karaa Daariktoreetii Karooraa Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggariitiin dhiyaatee kan irratti mari'atame yoo ta'u, ciminaalee fi hanqinaaleen raawwii bara darbee haalaan xiinxalamee, ciminaalee raawwii bara darbee keessatti galmaa'an haala itti fufsiisuu danda'amuu fi bakka harcaatiin jirutti immoo haala furuun danda'amu irratti akkasumas safartuulee fi agarsiiftuuwwan karoora duraan jiranii fi haaraa dabalaman irratti bal'inaan mari'atameera.
Pirezidaantiin Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar Kab/Obbo Kumalaa Buusaa haasaa baninsaa keessatti akkasumas dhumarratti kallattii hojii kennaniin akka jedhanitti, Manneen Murtii Magaalaa Shaggar raawwii bara 2017 tiin hojii gaarii hojjechuun beekamtiin nuuf kennamuun isaa karoora bara kanaatiif hamilee kan nuuf kennu ta'uun akkuma jirutti ta'ee, Manneen murtii keenya moosaajii haaraa Shaggar E_Court system jedhamu misoomsinee jirru sirnaan hojiirra oolchuudhaan, kenninsa tajaajila abbaa seerummaa qulqulluu, dhaqqabamaa fi si'ataa taasisuudhaan sirna falmii elektiroonikaa guutummaatti hojiirra oolchuu waan eegalleef, karoora bara kanaa haala guutuu ta'een hojiirra oolchuuf hojjetaan hundi karoora dhuunfaa isaa baafatee ittiin hojjechuu qaba jedhan. Itti dabaluunis Waaqaa gaditti manni murtii iddoo haqni itti abbaa haqaatiif galu waan ta'eef, ragaa sobaa ittisuu irratti hojjechuun, dhimmi naamusaa fi gaarummaa bulchiinsa keessoo mana murtii fooyyessuu xiyyeeffannoon kennamee irratti hojjetamuu qabas jedhan.
Waltajjii marii kana irratti Koreen Bulchiinsaa Mana Murtii Olaanaa fi Pirezidaantonni Manneen Murtii Aanaalee akkasumas gareen Karooraa kan hirmaatan yoo ta'u, dhumarratti sirni mallattoo fi wal harkaa fuudhinsa karoora BIX kan bara 2018 taasifamuun waltajjiin xumurameera.

...

Leenjin dandeettii raawwachiisummaa cimsuu kennamaa jira.

‎Fulbaana 19/2018
‎Manni Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaggar Pirezidaantii Mannen Murtii Aanaa kutaa Magaala Shaggar fi Abbootii Seeraaf leenjii dandeettii raawwachiisummaa cimsu dhimma Moosaajii Shaggar E-court System Irratti guyyaa lamaaf turu kennama jira.
‎Haasaa Baninsaa kan taasisan Pirezidaantii Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaggar Kabajamoo Obbo Kumalaa Buusaa Leenjin kun kan kennameef Manni Murtii keenya bara kana guutummaatti gara waraqaa maleessatti jijjiiruf karoorfamee hojiitti seenee jiru hubatanii leenjii kana sirnaan hordofuu akka qabdan jedhaniiru.
‎Leenjin kun guyyaa lamaaf itti fufee kennama.

...

Leenjin ogeessa TQO fi Ofiisera Seeraaf kenname

 
‎Fulbaana 16/2018
‎Manni Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaggar leenjii dandeettii raawwachiisummaa cimsuu dhimmaa ittii fayyadama Shaggar E-court System Irratti guyyaa lamaaf Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaggaritti Ofiisera Seeraa MMO Magaala Shaggar, Ofiisera Seeraa Mana Murtii Aanaalee kutaa Magaalaa Shaggar Fi Ogeessaa TQOf kennamaa ture.
‎Haasaa Baninsaa kan taasisan Perezedaantii Mana Murtii Ol'aanaa Magaala Shaggar Kabajamoo Obbo Kumalaa Buusaa fi IA Perezedaantii Aadde Najaat Mahaammad leenjin kun kan kennameef itti gafaatamummaa mirkaneessuf waan ta'eef leenjitoonni sirnaan leenjii kana hordoftanii Uummata keenya tajaajiluu akka qabdan, akkasumas karoora Manneen Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaggar bara 2018tti guutumaatti Karaa waraqaa maleessatti jijjiiruf karoorfame hojiitti seenee jiru akka milkeessitaniif leenjin kenname jedhaniru.
‎Yaadni fi gaaffii bal'aan hirmaattota leenjii irraa ka'uun dhuma Irratti kallattiin kaa'amee leenjiin xumuramee jira.